Posts

Featured Post

Akkamittiin Hojiiwwan Hojjechuu Qabduu (fi Feetu) Yeroo Qabdu Keessatti Gahumsaa fi Milkaa’inaan Raawwachuu Dandeessaa?

Image
Jireenya kee keessatti wantootni jiraachuuf dirqamatti si barbaachisan bu’uuraa ni jiru. Addunyaa kana irra yemmuu jiraattu nageenyi, fayyummaan, wanti nyaattu fi dhugdu, (fakkeenyaaf), kan uffattuu fi bakki jiraattu wantoota akka bu’uuraatti si barbaachisaniidha.   Akkasumas ammoo, wantootni ati hawwituu fi feetu, wantootni ati jaallattu yookaan barbaaddu hedduun ni jiraatu. Akkuma nama kamiiyyuu fedhii qabda. Hawwii qabda. Hawwii fi fedhii kees galmaan ga’uuf wanta dandeessu hundumaa goota.   Kana malees, itti-gaafatamummaan gosti garaagaraa, kan ati jireenya kee keessatti qabdu baay’eedha. Wantootni si irraa eegaman hedduun ni jiru. (Itti-gaafatamummaawwan si irra jiran maal maal fa’i? Ni yaadattaa? Wantootni si irraa eegaman maal maalii?)   Itti-gaafatamummaan nama ta’uu keetiin qofa qabdu ni jira—wantootni akkuma nama kam irraa eegaman si irraas eegaman ni jiru mitii ree? Itti-gaafatamummaan ati ofii keetiin ofitti fudhattee fedhii keetiin baatu jira. (Hi

Akkamitti PDF yookaan “Document”ii Interneetii Irratti Hiruu?

Image
Faayila PDF’s haa ta’u “Document”ii Interneetii irratti hirree akka namootni nuti barbaadne argachuu danda’an gochuu ni dandeenya. Kana gochuuf: 1. “ Google Account ” seenuudhaan, yoo hin qabaannes uummachuudhaan, “ Google Docs ” seenuu,   2. Bakka faayila itti dabalan, bakka mallattoon + jiru tuquudhaan faayila namootaaf hiruu barbaadne sana ol fe’uu (“upload” gochuu),   3. Achii booda faayilicha ol fe’ame sana tuquudhaan filannoo “Share” jedhu filachuu. As irratti eenyuuf hiruu akka barbaadne nu filachiisa.   4. Achumaan filannoo “Get shareable link” jedhu filachuudhaan, geessituu (link) achi irratti nuuf dhufe garagalchannee (“Copy” godhannee) bakka barbaanne, jechuunis, marsariitii (website), miidiyaalee hawaasaa akka “Feesbuukii” faa irratti garagalchuu (“Paste” gochuu) ni dandeenya.   Kana goonaan, faayila hiruu barbaadne sana namoota hiruufii barbaadnuuf hirree jirra jechuudha.   Waan dubbistaniif baay’ee galatoomaa!   Yaada yookaan

New Blog: Basic Technical Drawing

Image
I've also created a new blog named Basic Technical Drawing , to help students who want to develop the skill. It has also its own Facebook page . Thank you! Screen shot of the blog Ammas ammoo biloogii " Basic Technical Drawing " jedhamu tokko baneen jira. Barattoota yookaan namoota kamiyyuu, kanneen dandeettii fakkii 'teeknikaalaa' isaanii gabbifachuu barbaadan gargaaruuf yaadee kanan hojjedheedha. Biloogichi fuula feesbuukii mataa isaa s ni qaba. Galatoomaa!

Two Other Blogs and Their Respective Facebook Pages

Image
I created two other blogs and their respective Facebook pages called Barruu Barreessichaa (some of my writings in Afaan Oromoo) and Jaarraa Arts , which shows pictures of my art works, basically drawing. You can follow both or one either on the blog and/or on Facebook. Thank you! Facebook links: Jaarraa Arts Barruu Barreessichaa

Barruu Barreessichaa fi Jaarraa Arts

Image
Gidduu kana bloogiiwwan biroo barreeffamoota addaa addaa fi fakkiiwwan ani kaase argisiisan lama kopha-kophaatti baneen jira. Bloogiiwwan kunneen fuula feesbuukii mataa isaanii illee kopha-kophaatti ni qabu. Daawwachuu yoo barbaaddan, bloogiin inni kan barreeffamaa sun Barruu Barreessichaa jedhama. Biloogiin inni fakkiiwwan ani kaase argisiisu ammoo Jaarraa Arts jedha. Karaa feesbuukiis hordofuu yoo barbaaddan hidhaawwan armaan gadii fayyadamuu ni dandeessu: Jaarraa Arts Barruu Barreessichaa Galatoomaa! Daawwannaa gaarii!