Akkamitti PDF yookaan “Document”ii Interneetii Irratti Hiruu?

Faayila PDF’s haa ta’u “Document”ii Interneetii irratti hirree akka namootni nuti barbaadne argachuu danda’an gochuu ni dandeenya. Kana gochuuf:
1. “Google Account” seenuudhaan, yoo hin qabaannes uummachuudhaan, “Google Docs” seenuu,
 
2. Bakka faayila itti dabalan, bakka mallattoon + jiru tuquudhaan faayila namootaaf hiruu barbaadne sana ol fe’uu (“upload” gochuu),
 
3. Achii booda faayilicha ol fe’ame sana tuquudhaan filannoo “Share” jedhu filachuu. As irratti eenyuuf hiruu akka barbaadne nu filachiisa.
 
4. Achumaan filannoo “Get shareable link” jedhu filachuudhaan, geessituu (link) achi irratti nuuf dhufe garagalchannee (“Copy” godhannee) bakka barbaanne, jechuunis, marsariitii (website), miidiyaalee hawaasaa akka “Feesbuukii” faa irratti garagalchuu (“Paste” gochuu) ni dandeenya.
 
Kana goonaan, faayila hiruu barbaadne sana namoota hiruufii barbaadnuuf hirree jirra jechuudha.
 
Waan dubbistaniif baay’ee galatoomaa!
 
Yaada yookaan gaaffii yoo qabaattan sanduuquma yaadaa armaan gadii keessatti naaf barreessaa.
 
Hedduu galatoomaa!

Comments

Popular Posts

Akkamittiin Hojiiwwan Hojjechuu Qabduu (fi Feetu) Yeroo Qabdu Keessatti Gahumsaa fi Milkaa’inaan Raawwachuu Dandeessaa?