Posts

Showing posts from June, 2018

Akkamittiin Hojiiwwan Hojjechuu Qabduu (fi Feetu) Yeroo Qabdu Keessatti Gahumsaa fi Milkaa’inaan Raawwachuu Dandeessaa?

Image
Jireenya kee keessatti wantootni jiraachuuf dirqamatti si barbaachisan bu’uuraa ni jiru. Addunyaa kana irra yemmuu jiraattu nageenyi, fayyummaan, wanti nyaattu fi dhugdu, (fakkeenyaaf), kan uffattuu fi bakki jiraattu wantoota akka bu’uuraatti si barbaachisaniidha.   Akkasumas ammoo, wantootni ati hawwituu fi feetu, wantootni ati jaallattu yookaan barbaaddu hedduun ni jiraatu. Akkuma nama kamiiyyuu fedhii qabda. Hawwii qabda. Hawwii fi fedhii kees galmaan ga’uuf wanta dandeessu hundumaa goota.   Kana malees, itti-gaafatamummaan gosti garaagaraa, kan ati jireenya kee keessatti qabdu baay’eedha. Wantootni si irraa eegaman hedduun ni jiru. (Itti-gaafatamummaawwan si irra jiran maal maal fa’i? Ni yaadattaa? Wantootni si irraa eegaman maal maalii?)   Itti-gaafatamummaan nama ta’uu keetiin qofa qabdu ni jira—wantootni akkuma nama kam irraa eegaman si irraas eegaman ni jiru mitii ree? Itti-gaafatamummaan ati ofii keetiin ofitti fudhattee fedhii keetiin baatu jira. (Hi

Akkamitti PDF yookaan “Document”ii Interneetii Irratti Hiruu?

Image
Faayila PDF’s haa ta’u “Document”ii Interneetii irratti hirree akka namootni nuti barbaadne argachuu danda’an gochuu ni dandeenya. Kana gochuuf: 1. “ Google Account ” seenuudhaan, yoo hin qabaannes uummachuudhaan, “ Google Docs ” seenuu,   2. Bakka faayila itti dabalan, bakka mallattoon + jiru tuquudhaan faayila namootaaf hiruu barbaadne sana ol fe’uu (“upload” gochuu),   3. Achii booda faayilicha ol fe’ame sana tuquudhaan filannoo “Share” jedhu filachuu. As irratti eenyuuf hiruu akka barbaadne nu filachiisa.   4. Achumaan filannoo “Get shareable link” jedhu filachuudhaan, geessituu (link) achi irratti nuuf dhufe garagalchannee (“Copy” godhannee) bakka barbaanne, jechuunis, marsariitii (website), miidiyaalee hawaasaa akka “Feesbuukii” faa irratti garagalchuu (“Paste” gochuu) ni dandeenya.   Kana goonaan, faayila hiruu barbaadne sana namoota hiruufii barbaadnuuf hirree jirra jechuudha.   Waan dubbistaniif baay’ee galatoomaa!   Yaada yookaan