Akkamittiin Hojiiwwan Hojjechuu Qabduu (fi Feetu) Yeroo Qabdu Keessatti Gahumsaa fi Milkaa’inaan Raawwachuu Dandeessaa?

Jireenya kee keessatti wantootni jiraachuuf dirqamatti si barbaachisan bu’uuraa ni jiru. Addunyaa kana irra yemmuu jiraattu nageenyi, fayyummaan, wanti nyaattu fi dhugdu, (fakkeenyaaf), kan uffattuu fi bakki jiraattu wantoota akka bu’uuraatti si barbaachisaniidha.
 
Akkasumas ammoo, wantootni ati hawwituu fi feetu, wantootni ati jaallattu yookaan barbaaddu hedduun ni jiraatu. Akkuma nama kamiiyyuu fedhii qabda. Hawwii qabda. Hawwii fi fedhii kees galmaan ga’uuf wanta dandeessu hundumaa goota.
 
Kana malees, itti-gaafatamummaan gosti garaagaraa, kan ati jireenya kee keessatti qabdu baay’eedha. Wantootni si irraa eegaman hedduun ni jiru. (Itti-gaafatamummaawwan si irra jiran maal maal fa’i? Ni yaadattaa? Wantootni si irraa eegaman maal maalii?)
 
Itti-gaafatamummaan nama ta’uu keetiin qofa qabdu ni jira—wantootni akkuma nama kam irraa eegaman si irraas eegaman ni jiru mitii ree? Itti-gaafatamummaan ati ofii keetiin ofitti fudhattee fedhii keetiin baatu jira. (Hin jiruu?) Akkasumas itti-gaafatamummaa qaama ta’e irraa sitti kennamu qabaachuu dandeessa (fakkeenyaaf, akka hoogganaatti/hooggantuutti, yookaan, gahee hojii kee irratti fa’a).
 
Yeroo hundumaa sammuu kee keessatti wantootni raawwachuu qabdu sitti dhaga’amuu hin oolani. Hojii hojjechuu akka qabdu, fakkeenyaaf, jabaattee barachuu akka qabdu, maatii keessatti gahee kee bahuu akka qabdu, itti-gaafatamummaa kee bahuu akka qabdu, … ni beekta.
 
Yeroo tokko tokko, yookaan, tarii ammoo yeroo baay’ee iyyuu, garuu, yeroon ati itti-gaafatamummaan yookaan wantootni ati raawwachuu qabdu sitti baay’atee, yeroo fiixaan ba’uu qabu keessatti fiixaan baasuu dadhabdu jiraachuu danda’a. Yookaan ammoo, itti-gaafatamummaa kee yookaan wanta hojjechuu qabdu dagattee wanta hojjechuu in qabne ammoo hojjechaa jirta ta’a. (Moo wantuma si irraa eegamu iyyuu guutummaatti (sirriitti) hin beektu laata? Tarii “Aboo ani bashannanee jiraachuun barbaada mataa na hin naannessin, waa’ee itti-gaafatamummaa, waa’ee wanta ani hojjechuu qabuu, waa’ee maalii, waa’ee kanaa, waa’ee sanaa, …, yaaduu hin barbaadu na hin dhiphisin abboo!” jetta laataa? Aa?)
 
Itti-gaafatamummaa si irra jiru, yookaan wantoota hojjechuu qabdu hin hojjettu taanaan miidhamuun kee hin hafu. Fakkeenyaaf, jabaattee hojjettee jiraachuu qabda taanaan, yoo hojjechuu dhiiste galii hanga barbaachisu karaa sirrii ta’een argachuu akka hin dandeenyee fi jiraachuun akka sitti cimu hubachuun salphaadha. Yookaan, hojii manaa barsiisaan siif kenne sana (fakkeenyaaf, yoo barataa/barattuu taateef) yoo hojjechuu dhiiste akka tuqaadhaan gadi buutu ni beekta. (Yoo hojjetaa/hojjettuu waajjiraa taate ammoo) hojii waajjira kee eeyyama malee yoo hafte adabbii si irra ga’u ni beekta.
 
Mucaa/muciyyoo kee deemtee mana barumsaatii fiduu fi kunuunsuu yoo dhiiste (yoo abbaa/haadha mucaa/ijoollee taate) rakkoo irra (si irra) ga’u ni beekta. Ni daldalta taanaanis yeroodhaan deemtee mana daldalaa kee bantee hojii hojjechuu akka qabdu ni beekta. Ta’uu baannaan fooyya’uun si rakkisa. Jireenya keessatti, itti-gaafatamummaawwanii fi gosoota hojii ani akka fakkeenyaatti armaan olitti tarreesse malees itti-gaafatamummaa fi hojiiwwan hedduu si irraa eegaman ni qabda jedheen amana. Kanneen hafan ati itti dabaltee tarreessuu dandeessa. Yookaan itti-gaafatamummaawwan kee yaadaa dubbisa kee kana itti fufta.
 
Akkam ree ati, itti-gaafatamummaa fi hojiiwwan si irraa eegaman sirriitti bahaa jirtaa? Dhibbeentaa meeqa? Itti gaafatamummaawwanii fi hojiiwwan ati hojjechuu qabdu maal maal fa’i? Hunda isaanii beektaa? Moo, tokko lama qofa hojii irra oolchaa jirta? Wantootni akka ati itti-gaafatamummaa kee sirriitti hin baaneef dhiibbaa si irratti geessisan hin jiranii? Si hin mudannee?
Wanta si irraa eegamu utuuma beektuu har’a-boran hojjedha jechaa utuu hin hojjetin yookaan utuu hojjettee hin xumurin har’a hin geenyee? Umurii hin lakkoofsisnee?
 
Yookaan wantoota hojjechuu qabdu hojjettee waliin ga’uu utuu barbaadduu yeroon si ga’uu didee rakkatteettaa? Ko’eessa/ko’eettii (‘busy’) taatee namoota wajjin wal agartee dubbachuu illee dadhabdeettaa? Maatii kee waliin, ijoollee kee waliin, hiriyyoota kee waliin yeroo ga’aa dabarsaa jirtaa? Moo yaada baddee namuma beektu illee dubbisuu dagattee karaa irratti bira darbaa jirta? Utuu yeroo hundumaa waa’ee itti gaafatamummaa kee yaadduu (yookaan utuu yaaddoftuu) yeroo hundumaa yaada baduu irraan kan ka’e kolfitee taphachuu yookaan yoo si waaman illee dhaga’uu yookaan hirriba nagaa illee rafuu dadhabdee jirtaa? Wantootni kun hanga ammaatti yoo si irra hin geenye ta’e illee gara fuula duraatti, akkuma itti-gaafatamummaan kee, yookaan umuriin kee, yookaan hubannoon kee dabalaa adeemuun si mudachaa adeemuu danda’u. Maarree, kanaaf maal wayya ree? Itti-gaafatamummaa kee, yookaan hojii kee, yaaduu isaa iyyuu itti dhiistee “nagaadhaanan jiraadha” yoo jette hin dandeessu. Sammuun kee, hanga nama sammuu fayyaa taatee jirtutti, itti-gaafatamummaa isa irra jiru dagatee jiraachuun itti cima—hin danda’u.
 
Tarii ammoo itti gaafatamummaawwan si irra jiran keessaa tokko-lama beeknaan isuma hojii irra oolchee yoon du’eyyuu na ga’a jettee yaaddaa? Akkas taanaan, wantoota si irraa eegaman hunda ba’uu dadhabuu keetiin hanga ga’uu qabdu, yookaan, bu’aa buusuu qabdu utuu hin buusin du’uu dandeessa.
 
Kanaaf maal wayya ree?

Wantoota hojjechuu feetu, wantoota hojjechuu qabdu, itti-gaafatamummaa kee, fedhii fi hawwii kees bakkaan ga’uuf, karaa sammuuf nagaa kennuu fi karaa sirrii ta’een, utuu tokko keessaa hin hafin fiixaan baastee milkaa’uu ni barbaaddaa? Ni dandeessaa? (Akka dandeessu yoo amante qofa qabsoo jireenyaa akkasiitti seentee injifachuu dandeessa. Kanaafan “Ni dandeessaa?” jedhee si gaafadhe malee akka ati dandeessu nan beeka.) Jireenya mi’aawaa fi qindaa’aa jiraachuu ni barbaaddaa? (Moo burjaajoftee yeroo kee akkasumaan gubda?)
 
Jireenya milkaa’aa fi mi’aawaa jiraachuudhaaf wantoota si barbaachisan hedduu beekuu fi hojii irra oolchuu ni dandeessa. Ani garuu ammaaf kan ani siif barreessuu barbaade, waa’ee dhimma hojii ofii yookaan itti-gaafatamummaa ofii, yookaan wanta hawwanii fi fedhan tokko yeroo kenname keessatti haala qindaa’aa fi milkeessaa ta’een raawwachuuti. Walii gallaa? Isayyuu akka yaada ijoo siif kaasuuttan waa xiqqoo siif kaasa malee kan waa’ee jireenya kee yaadee fooyya’uu qabu, kan danda’us si’idha. Eeyyee, si’idha. Situ jireenya keef itti-gaafatamummaa guddaa qaba. Situ ofii keef jiraatee kaaniifis bu’aa guddaa buusuu danda’a.
 
Barreeffamni akkasii, keessumaa, dargaggoo akka koof fi kanneen umurii dargaggummaa kana duraaf bu’aa guddaa qaba jedheen yaada. Waa baay’ee yaadachiisa. Yookaan ni hubachiisa jedheen yaada.
 
“Nama guddaa” hojii fi itti-gaafatamummaa hedduun, yookaan wantootni isaan hojjechuu barbaadan itti baay’atuuf hoo? Isaaniifis ammoo bu’aa qaba jedheen yaada. (Yookaan mala gaarii fayyadamaa jirta taanaan, yoo bu’aa guddaa fi fooyya’aa siif qabaate itti fufi. Kaaniifis garuu utuu hirtee baay’ee gaariidha.)

1. Itti-gaafatamummaa kee, (wantoota gochuu barbaaddu hundas) tarreessi:

Sammuu kee keessaa yaadii yaasiitii waraqaa yookaan barruu dhuunfaa kee irratti katabi/barreessi. 
 
Garuu wantoota raawwachuu barbaadduu fi raawwachuun si irraa eegamu waraqaa yookaan barruu dhuunfaa kee irratti barreessuun, tarreessuun bu’aa maalii siif qabaa? 
 
A) Yaadotni sammuu keessatti baay’atanii si yaaddessan akka si irraa salphatan, kanneen sammuu kee keessatti takka qabdee takka gad-dhiistu, kanneen irraanfachuu dandeessus akka yaadattu, akka hin irraanfanne si dandeessisa. Dhiphina si irraa hir’isee, wantoota raawwachuu qabdu waraqaa irratti ilaaluu akka dandeessu si taasisa. 
 
B) Akka ati sadarkaa sadarkaa fi gosa gosaan qoqqooddee tartiibessitee karoora irratti baafachuu fi qalbeeffachuu dandeessu si gargaara.
 
Yoo barreessuu dhiiste garuu, sammuu kee keessa si naanna’ee akka ati ko’oomtu (akka ati “busy” taatu), yookaan akka ati wanta qabdee gadi-dhiiftu dhabdu si taasisuu danda’a. Yookaan ammoo, itti-gaafatamummaa kee keessaa tokko yaadattee tokko dagachuu dandeessa ta’a. Itti-gaafatamummaan inni kam akka dursu, kamtu dirqama akka ta’e, kamtu ammoo hagas mara dhiyootti dirqama guddaa akka hin taane sammuu qofa keessatti adda baasuunis si rakkisuu danda’a. Kanaaf, gadi yaasiitii barruu dhuunfaa kee irratti galmeessi. Maal-abbaashee itti dhiphatta? Aa? Wanta dirqamatti raawwachuun si irraa eegamu qofa osoo hin taanee, wanta raawwachuu/hojjechuu jaallattu kamis garuu, hunduma isaanii gadi tarreessi! Gaduma tarreessi ati anat-siin jedhee! (Kkkk) (Yoo gidduutti mukoofte jedheeniim! Isan kolfe dhiifama naaf godhika yoon sin jeeqe ta’emmoo!)
 
Wantoota raawwachuu qabdu, jechuunis, wantoota si irraa eegaman hunda beekuu fi hunda yaadachuu dhiisuu dandeessa. Yoo dagatte, yookaan, yoo hin beektu ta’e ammoo ammas, beekuu yookaan yaadachuu dadhabuu keetiin, wanta si irraa eegamu hundumaa ba’uu dadhabuu waan dandeessuuf, itti-gaafatamummaa kee, yookaan wantoota si irraa eegaman namoota amantuu fi hubatoo ta’an, hiriyyaa kee amanamaa/amanamtuu, maatii kee, barsiisota kee, gorsitoota (counsellor) kee (yoo qabaatte) haasofsiisiitii yaada irraa fudhadhu. Yaada irraa fudhattes kophaatti barreessii yeroo itti fudhadhuu buusii baasii madaali. Erga madaaltee gulaaltee booda galmee tarree itti-gaafatamummaawwan kee (wantoota hojjechuun si irraa eegamu) itti tarreessitu irratti tarreessita. Barreessi.
 
Amma sadarkaa tokkoo fi isa guddaa, isa bu’uuraa tarkaanfatteetta jechuudha.
 
(Itti-gaafatamummaa yookaan wantoota hojjechuu qabduun alatti, wantoota fedhii keetiin hojjechuu jaallattus galmeessuu akka qabdu sitti himeera. Isa, sammuuma kee keessaa akka salphaatti wantoota gochuu jaallattu tarreeffattee barreessita malee nama kan biraa haasofsiisuu si hin gaafatu. Fedhii kee situ beeka. Namni akka ati fedhii kee beektutti siif hin beeku. Situ beekkata. Kanaaf, isas, barreeffadhu.) Wanta si irraa eegamu, wanta gochuu jaallattus barreeffadhummoo siin jedheera.
 
Erga kana barreeffattee hoo? Maal gochuu qabda?

2. Qoqqoodi!

Wantootni ati sadarkaa tokkoffaa keessatti barruu kee irratti tarreessite wantoota (gochoota) gosoota/akaakuu addaa addaati. Itti-gaafatamummaan yookaan dirqamni si irraa eegamu ni jira. Fedhiin kee fi wantootni ati hojjechuu jaallattus achi keessa jiru. Kanaaf, yoo xiqqaate bakka lamatti qoodi. (1) Itti-gaafatamummaa yookaan wantoota raawwachuun si irraa eegamuu fi (2) fedhiiwwan kee yookaan wantoota hojjechuu jaallattutti qoqqoodi.

3. Sadarkaa itti godhi!

Itti-gaafatamummaa kee keessaa kamtu dirqamatti caalmaadhaan dafee raawwatamuu qabaa? Kamtu sardaadha? Kamtu baay’ee barbaachisaa fi baay’ee dirqamsiisaadha? Gochawwan raawwachuu qabdu kunneen akka sadarkaa guddinaa fi dirqamatti-barbaachisummaa isaanii kanatti duraa duubaan gadi tarreessi. Kamtu dhiyootti, amma, hojii irra ooluu qaba? Kamtu ammoo isa kaan booda raawwatamuu danda’a? Sadarkaadhaan tarreessi. Barreessi. Sadarkaa itti godhi.
 
Wantoota fedhiidhaan hojjechuu jaallattu, kanneen raawwachuun dirqama sitti hin taane keessaa ammoo kamiin dura (caalaatti) hojjechuu akka barbaaddu ilaaltee tarree naquu ni dandeessa. (Inni kun sardaa miti.)

4. Karoorsi! Raawwachuuf karoorsi!

Hojii kee kana, kan sadarkaadhaan tarreessite sana, “akkamittiin yoom hojjechuu qabda?” 
 
Kun, akaakuu/gosa gochaa raawwattu sana irratti hundaa’uun, tokkoon tokkoon gochichaa akkaataa ittiin hojjetamuu fi yoom akka hojjetamu qabaachuu ni mala. Maarree, gochoota raawwachuu qabdu sana sadarkaa itti gooteetta waan ta’eef, isa sadarkaa duraa irra jiru sana filadhuutii akkamitti yoom hojjechuu akka qabdu irratti yaadii karoorsi. Kana irratti gargaarsa gorsaa yoo barbaadde nama dhimmi isaa ilaallatu yookaan kan dhimma akka sanaa beeku/beektu, kan amanuu dandeessu, yookaan, kan wanta ati karoorfattu sana beekuun isaa/ishee miidhaa hin qabaanne haasofsiisi. Gargaarsa ogummaa gaafadhu. Yoo wanti ati hojjettu sun iccitii dhuunfaa ta’e garuu eeggannoo guddaadhaan, karaa danda’ame hundumaan odeeffannoo dhimma sanaaf si gargaaru hunda guurradhuutii karoorfadhu. Karoorfadhu! Karoora malee hojiin ati hojjechuu barbaaddu hawwii fi fedhii qofa taatee hafti. Dubbii/oduu taatee hafti. Utuu hin hojjetin yaadaa bara hedduu lakkoofsista. Booda ammoo ni gaabbita. “Maal akkamitti yerichi akkas fiigee?” jetta. Yeroon waan takka fiigdee takka dhaabbattuuf hin qabdu. Akka itti fayyadama keetiiti. Yoo yeroo keetti fayyadamte bu’aa guddaa buufachuu dandeessa. Yoo yerootti karooraan hin fayyadamtu ta’e garuu, teesseema yeroo lakkooftee fiiguu ishee ajaa’ibsiifachuu fi odeessuu malee wanta fiddu hin qabdu. Kanaaf, wanta hojjettu tokko akkamitti yoom akka hojjettu karoorsiitii jiraadhu. Karooricha garuu hojii irra oolchi. Hojii irra hin oolchitu taanaan, inni ammoo yaaddoo biraa sitti ta’a. Yoo hojii irra oolchite garuu gammachuu guddaa argachaa deemta. Bu’aa hojicha karooraan hojjettu sana irraa argattu irratti dabalataan miira milkaa’inaa, kan gammachuu, kan quufaatu sitti dhaga’ama. (Kana hin barbaadduu ree ati?)

5. Hojii kee akka karoorfattetti hojii irra oolchi.

Hojjedhu. Amma karooraan deemaa waan jirtuuf yaaddoo hin qabdu. Hojiin inni kan biraan sammuu kee keessaa mataa si cabsu hin jiru—barreeffattee karoorsiteetta kaa! Isa amma karoorsite yeroo amma karoorfatte keessatti raawwachaa jirta. Inni kaanis yeroo qaba waan ta’eef hin yaaddoftu!
Fixne!
 Sitti haa toltu! Milkaa’i! Milkaa’inan siif hawwa!


Jaarraa Waaqshuumaa Galataa

Comments

Post a Comment

Popular Posts

Akkamitti PDF yookaan “Document”ii Interneetii Irratti Hiruu?